Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan Ityoophiyaaf bittaa konkolaattota kilinika socho’aaf deeggarsa Birrii miiliyoona 185 taasifte

Finfinnee, Fulbaana 18,2015 (FBC)- Jaappaan Ityoophiyaaf deeggarsa bittaa konkolaattota kilinika socho’aaf oolu Birrii miiliyoona 185 taasisuu ibsame.

Konkolaattonni kunneen meeshaalee yaala fayyaa ammayyaa garaagaraa qabaachuu eerameera.

Deggarsichi naannoolee  Afaar , Benishaangul Gumuz ,Gambeellaa, fi kibbaa lixaa Ityoophiyaa akkasumas naannawaa  horsise bultootaa dhaabbilee fayya irraa fagatan fayyadamoo taasisuuf ta’uu ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariittaa Sawaasawuufi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Takaakoon waliigaltee deeggarsichaa waliif mallatteessuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.