Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan Manneen Barnootaa miidhaman deebisanii ijaaruuf kan oolu Doolaara miiliyoona 8.1 gumaachite

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC) – Jaappaan Ityoophiyaatti Manneen Barnootaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf kan oolu Doolaara miiliyoona 8.1 gumaachiteerti.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakaakoo fi Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata deeggarsa Daa’immanii idi addunyaa Dooktar Abbubakar Kaampoon waliigaltee deeggarsichaa mallateessaniiru jedhame.

Deeggarsichi Barattoota kuma12 fayyadamoo kan taasiisu yoo ta’uu, sagantaa Saaniteeshinii fi Inarjiirraa ammoo lammiileen kumni 47 fayyadamoo kan ta’an ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.