Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Birhaanuu Juulaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliiz waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC)- Eetaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ingiliiz Aliistaar Miisiipeel waliin mari’ataniiru.

Turtii isaaniitin dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii Gaanfaa Afrikaa fi naannoorratti akkasumaas haala Waqtaawaa Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Aliistaar Miisiipeel biyyisaanii Ityoophiyaa dabalatee hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu ibsaniiru.

Tumsa imaammataa biyyisaanii Ityoophiyaa waliin qabdu gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf dhimmoota looltummaa waraanaa fi kanneen biroorratti marii xiyyeeffate gaggeessuu himaniiru.

Duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamee olaantummaa seeraa biyyatti kabachiisuu fi nageenya naannichaaf shooraa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Yeroo itti aanuutti haaloota biyyaa fi dhimmoota biroof mootummaa Ingiliiz deeggarsa akka taasisuu ibsuusaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.