Fana: At a Speed of Life!

Jibuutiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaarraa barnoota fudhatteetti-Mahaammad Abdullaa’ii Muusaa

Finfinnee, Sadaasa 23, 2016 (FBC)- Jibuutiin Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaarraa barnoota gahaa fudhachuu Ministirri Misoomaa Waaraa fi Eegumsa Naannawaa Biyyattii Mahaammad Abdullaa’ii Muusaan ibsan.

Itiyoophiyaan Yaa’ii COP28 Gamtaa Emereetota Arabaa Dubaayitti gaggeeffamerratti bakki argisiisa Ashaaraa Magariisaa qopheessite dureewwan biyyootaa fi hirmaattota yaa’ichaan daawwatamaa jira.

Ministirri Misoomaa Waaraa fi Eegumsa Naannawaa Jibuutii Mahaammad Abdullaa’ii Muusaan daawwannaa taasisaniin yaadaa kennaniin, kaka’umsa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin waggoottan shanan darban Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan misoomni gaggeessite olaanaa fi kan dinqisiifatamuudha jedhan.

Fuuldurattis Jibuutiin hojiilee Ashaaraa Amariisaa Itiyoophiyaan hojjetaman hojiirra oolchuuf gamaa Ministeera Qonnaa biyyattiin xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Itiyoophiyaa fi Jibuutiin hariiroo yeroo dheeraa kan qaban ta’uu eeruun, damee geejjibaa fi elektirikiitti dabalataan eegumsa naannawaarratti waloon hojjechaa jiru jedhan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaan, Itiyoophiyaan Jibuutiif biqiltuuwwan hedduu arjoomuu fi gumaachi Ashaaraan Magariisaa akka babal’atuuf Itiyoophiyaan taasifte olaanaa akka ta’e ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.