Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraan baraa sablammii Halaabaa kabajama jira

Finfinnee, Mudde 30, 2015(FBC)-Jijjiirraan baraa sablammii Halaabaa ‘Seeraa’ har’arraa eegalee sagantaalee garaagaraan akka kabajamu Qajeelchi Misoomaa Aadaa fi Tuuriizimii godinichaa beeksise.

Itti Gaafatamaan Qajeelchichaa Obbo Sulxaan Huseen akka jedhanitti, jijjiirraan baraa kun “Seeraa’ yookaan ‘Mangasaa’ Mudde 30 hanga Amajjii 3, 2015 guyyoota sadiif kan kabajama.

Ayyaannichi sablammiin Halaabaa aadaa duudhaa isaa eeggatee dhalootaa ittaanutti akka darbu taasisuuf gumaachaa akka qabu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Sablammichi aadaa, seenaa fi afaan isaa kunuunsee eeguun dhaloota ittaanutti dabarsuu cinaatti carraalee ijaarsa sirna diimookiraasii, nageenyaa, bulchiinsa gaarii fi misoomaa cimsuun akka barbaachisuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.