Fana: At a Speed of Life!

Jilli Aadde Adaanach Abeebee fi itti aanaa preezdaantiin naannoo Harariin durfamu Maqalee gale

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2013 (FBC)-Jilli Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi itti aanaa preezdaantii obbo Ordiin Baadriin durfamu magaalaa Maqalee galeera.

Jilli aadde Adaanachii fi obbo Ordiin Baadriiniin haammatamee kun duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichaatti gaggeeffameen lammiilee miidhaan irra ga’ee deeggaruuf gara Maqalee imaluu ibsameera.

Jilichi buufata Xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa wayita ga’uu hoji gaggeessaa bulchiinsa yeroo naannichaa Dookatr Muluu Naggaa fi miseensi kaabinee, jaarsooliin biyyaa fi abbootiin amantaa magaalaa Maqalee simannaa taasisaniifiru.

Jilli hooggantoota lamaaniin haammatamee kun turtii isaa Maqaleetti taasisuun hoggantoota bulchiinsa yeroo naannichaa waliin ni mari’atuun eegamaa.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.