Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Adaanachiin durfamu Afaar Samaraa gale

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Jilli Itti aantuu Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu Afaar magaalaa Samaraa galeera.
Jilichi wayita magaalaa Samaraa ga’uu Preezdantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoota olaanaa mootummaa naannichaan simannaan taasiifameefira.
Jilli Aadde Adaanachiin durfamu kun turtii Samaraatti taasiisuun dhimmota waqtaawaa fi deeggarsa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif taasiifamu ilaalchisee hoggantoota naannichaa waliin marii ni taasiisaan eeggama.
Bakka buutoonni hawaasa daldalaa magaalaa Finfinnee, waldaaleen siiviilii, hoggntoonni mootummaa olaanoo fi dhaabbileen garaagaraa jila kana keessatti hammatamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.