Fana: At a Speed of Life!

Jilli daayreektara Komiishini tuuriizimii Oromiyaan obbo Kibrasan Nagaashiin durfamuu oomisha buna godina Iluu Abbaa Booraa fi qabeenyaa uumamaa godinichaa daawwateera

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC)- Jilli daayreektara Komiishini tuuriizimii Oromiyaan obbo Kibrasan Nagaashiin durfamuu oomisha buna godina Iluu Abbaa Booraa fi qabeenyaa uumamaa godinichaa daawwateera.
Kayyoo daawwannicha godina Iluu Abbaa Booraatti qonnan bultoota godinichan buna oomishaa jiraniif beekamti kennuun walitti hiidhamiinsa gabaa uumuuf akka ta’ee obbo Kibrasaan himaniiru.
Jilichi bosona Yaayyoo Dhabbata saayinsii barnoota, aadaa fi teeknoolojii ta’uun galmee Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii irratti galma’ee daawwatameera.
Daayreektarichi daawwannicha irratti haasa taasisan, qabeenya uumamaa bosona Yaayyoo keessatti argaman kunuunsun dhaloonni akka irraa fayyadamuu taasisuuf dhaabbataa Mootummaa Gamtoomanii waliin kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Bosonni Yaayyoo lafa heektara kuma dhibba1 fi kuma 67 irratti kan argamuu ta’u ragaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo bosonaa fi jijjiiramaa qilleensa godina Iluu Abbaa Booraarra argamee ni muul’isa.
Itti gaafatamaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo bosonaa fi jijjiirama qilleensa godinicha obbo Kamisoo Shaashoon gama isaanitti qabeenyaa uumamaa bosonaa Yaayyoo keessatti argamuu tuurizimiif olchuurratti hanqinni jiraachuu himaniiru.
Kana malees bosonni Yaayyoo ergaa galmee dhabbataa mootummoota gamtoomaniirratti galma’ee qaamni itti gaafatamummaa fudhachuun taajajilaa tuurizimiif oolche hin jiru komatu.
Gammachuu Beekumaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.