Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Girmaan durfamu Aanaa Lumeetti Qamadii Jallisii Bonaan misoomaa jiru daawwate

Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Jilli Ministira Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee Qamadii Jallisii Boneen misoomaa jiru daawwateera.

Jilli kun Ministir Deetaawwaan Ministeera Qonnaa, Hoggantoota Biiroo Qonnaa Naannolee, Daayrekteeroota Inistiityuutii Qorannoo Qonnaa Federaalaafi Naannolee, Inistiityuutii Tiranisfoormeeshinii qonnaa fi yuunivarsiitiiwwanii kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Kaayyoon daawwannichaa muuxannoowwan gaarii misooma qamadii godina Shawaa Bahaatti hojjetamaa jiru babal’isuuf ta’uu Dooktar Girmaan himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.