Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Maqdasiin durfamu Hospitaala Bishooftuu daawwate

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC) – Jilli Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan durfamu Hospitaala waliigalaa Bishooftuu daawwateera.

Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa fi Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi Naannolee daawwannaa kanarratti hirmaachuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Daawwannichaan rakkoo dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaa, qulqullinaa fi qaqqabummaa kenna tajaajila, hanqinni humna namaa, kaffaltiin ogummaan walqabatanii fi bu’uraalee misoomaa furmaata argachuu akka qaban kallattiin kaa’ameera jedhame.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.