Fana: At a Speed of Life!

Jilli hoggansa KFO magaalaa Hararitti ABOn galma barkumeetti ummata waliin mari’ate

Finfinnee, Amajjii 3, 2012 (FBC) – Jilli hoggansa KFO magaalaa Hararitti Addi Bilisummaa Oromoo galma barkumeetti guyyaa har’aa ummata waliin mari’ate.

Marichaanis ummanni filannoo baranaatif akka of qopheessu waamichi dhiyaatera.

Jilichi guyyaa kaleessaa Harargee Lixaa magaalaa Ciroo fi Hirnaattis ummata waliin mari’ateera.

Jilli har’a ummata magaala Harar mari’ate booru ammoo Dirree Dawaatti ummata waliin ni mari’ata.

Maricharratti Proofeesar Mararaa Gudinaa, obbo Jawaar Mahaammad, hoggansii fi deeggartoonni paartichaa argamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) guyyaa har’aa magaalaa Finfinfinnee galma barkumeetti ummata waliin mari’ateera.

Korri addaa ABO ganamaa jalqabee Galma Barkumeetti gaggeeffameera.

Kora addaa kanarratti ABOn sagantaa isaa gama siyaasaa, diinagdee, nageenya, hawaasummaa fi qophii filannoo 2012 irratti ibsa kenneera.

Jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo, jaarmiyaaleen sabaa fi sablammootaa, hayyoonni Oromoo fi keessummoonni hedduun waltajjicharratti hirmaataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.