Fana: At a Speed of Life!

Jilli hooggansa Itiyoophiyaa hooggantoota Saa’ud Arabiyaa waliin mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 29, 2016 (FBC) – Jilli hooggansa Itiyoophiyaa Ministirri Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaanoon durfamu hooggantoota Saa”ud Arabiyaa waliin mari’ateera.

Haala godaandota seeraan alaa Itiyoophiyaarraa gara Saa’ud imalan gara biyyaattii deebisuun danda’amuufi hariiroo biyyoota lamaanii cimsuurratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Jilli kun lammiilee Itiyoophiyaa karaa seeraan alaa Saa’ud Arabiyaatti imaluun rakkoo hamaa keessa jiran kuma 70 gara biyyaa deebisuuf haala mijeessuuf gara sana imaluu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.