Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu Hoospitaala Sadarkaa Jalqabaa fi Waliigalaa Gambeelaa daawwate

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) –Jilli Ministira Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu Hoospitaala Sadarkaa Jalqabaa fi Waliigalaa Gambeelaa daawwate.
Dooktar Liyaa Taaddasaa preezdaantii naannoo Gambeelaa obbo Umood Ujuluu fi hundeessituu fawudeeshinii Haylmaariyaamii fi Roomaan aadde Roomaan Tasfaayee Hoospitaala Sadarkaa Jalqabaa fi Waliigalaa Gambeelaa daawwataniiru.
Daawwanichaan Dooktar Liyaan tajaajjilli Hoospitaala Sadarkaa Jalqabaa fi Waliigalaa Gambeelaatti kennamu gaarii ta’uu eeraniiru.
Hoospitaalichi tajaajiloota hadholii fi daa’immanii akkasumaas kanneen biroo laachuuf qaamolee tumsitootaa walin ta’uun hojiiwwan hojjetaman kan jajjabeeffamu ta’uu kaasaniiru.
Hoospitaalli sadarkaa jalqabaa fi waliigalaa Gambeelaa wayita ammaa tajaajila baqaqsanii yaaluu eegaluuf qophii ta’uus Dooktar Liyaan himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.