Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Abdulhaakiim Muluun durfamu Asallaatti hojiilee misooma fayyaa daawwate

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Jilli Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Abdulhaakiim Muluun durfamu Asallaatti hojiilee misooma fayyaa daawwateera.

Daawwannichaarratti Obbo Abdulhaakiim, du’aatii haadholii fi Daa’immanii hambisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachaa jiraachuu eeran.

Buufataalee fayyaa keessatti Ogeeyyii ga’umsa qaban ramaduu fi meeshaalee wal’aansaa guutuun dhaabbileen fayyaa tajaajjila si’ataa fi haqa qabeessa akka kennaniif deeggarsaa fi hordoffiin itti fufiinsaan kennamaa jiraachuu himaniiru.

Rakkoolee hanqina qorichaan wal qabatanis furuuf hojjatamaa akka jiru dubbataniiru.

Rakkoo qaama miidhamtootaa furuuf hojiileen Wiirtuu Dandamachiisa Asallaan hojjatamaa jiran jajjabeessaan ta’uun ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Adinaan Hajjii gama isaaniin akka jedhanitti, bulchiinsa magaalichaatti tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa, rakkoolee fayyaan walqabatan hiikuun, fayyadamummaa hawaasichaa mirkaneessuuf hojjatamaa jira.

Hanqina qorichaan furuuf baajataan deegaruu, galii keessoo buufataaleen haala qajeelfamaan bittaan qorichaaf/qorsaaf xiyyeeffannoo kennamuu himaniiru.

Hirphoo Shibootu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.