Fana: At a Speed of Life!

Jilli obbo Addisuu Araggaan durfamu Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbaayyaatti hidha Gidaaboo daawwate

Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Jilli Preezdaanti itti aanaatti Qindeessaan kilaastara Haawasummaa obbo Addisuu Araggaan durfamu Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbaayyaatti hidha Gidaaboo daawwateera.

Obbo Addisuun daawwannichaan Hidhi Gidaaboo diinagdee waloo ummatoota cimsuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru.
Hidhi Jallisii Gidaboo Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbaayyaa fi Naannoo Sidaamaa kan wal qunnamsiisaa jedhameera.
Hidhichi lafa heektaara kuma 13 ol misoomsaa jira.
Hidha Gidaaboo Aanaa Abbayaa keesaatti argamuu daawwachuun sadarkaa hidhichi irra jiruufi hanqinoota jiran daawwataniiru.
Mootummaan fayyadamummaa hawaasaa naannichaa mirkaneessuuf kan hojjetu ta’uus Obbo Addisuun dubbataniiru.
Akkasumas abbootiin qabeenyaa hojiilee invastimantiirratti bobba’uun misooma biyyaarratti gumaacha isaanii akka bahatan dhaamaniiru.
Jilli kun hojiiwwan misooma garagaraa daawwataa jira.
Dabalaa Taaddasaatu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.