Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Dammaqaan durfamu walga’ii DhMG  76ffaa irratti hirmaate ministeerota dhimma Alaa Biyyoota garaagaraa waliin mari’ate

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC)- Jilli Itti aanaa Muummee Ministeeraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniniin durfamuun walgahii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 76ffaa irratti hirmaate Ministeerota dhimma Alaa Biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota adda adddaarratti mari’achuu ibsameera.

Jilli kun dhimma hidha haaromsaa guddicha fi dhimma yeroo kaaba Ityoophiyaarratti mari’ateera.

Yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensaa 26ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi ejjennoo Ityoophiyaarratti mari’achuu eerameera.

Walga’ichaan, Obbo Dammaqaan giddu seentummaan dhimma biyyootaa irratti taasifamu kan gaafatan yoo ta’u, gocha badii garee shororkeessaan ABUT qaqqabsiisaa jirurratti ibsa laataniiru.

Dabalataanis Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez  waliin marii taasisaniiru.

Leenjii ijaarsa dandeettii Dippiloomaatotaaf kennameen dhimmoota idil addunyaa, Afrikaa fi naannoorratti hojiileen qorannoon deeggaraman dhiyaataniiru.

Chaamberii Daldalaa fi Indaastirii Baahireen waliin waliigalteen taasifamuu ibsameera.

Ityoophiyaanonni fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya Ameerikaa jiraatan miidiyaalee idil addunyaa odeeffannoo madaalawaa hin taane gabaasan tamsaasa olaanaa “CNN” fuulduratti walitti qabamuun mormii dhageessisuu isaanii ibsameera.

Wandasaan Araggayiitu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.