Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Wallagga Bahaatti hojiilee misoomaa daawwate

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC) – Jilli Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Wallagga Bahaatti hojiilee misoomaa daawwateera.
Jilli hooggantoota Naannoofi Federaalaa hammate kun Aanaalee Godina Wallagga Bahaatti hojiilee misooma garagaraa daawwateera.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Ministir Deetaan Ministeeraa Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny, Ministir Deetaan Ministeeraa Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa fi hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa biroon daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Kaayyoon daawwannaa kanaa piroojektoota eegalamii harkifatan akka itti fufaniifi kan hin eegalamiin jiran akka eegalaman kallattii kaa’uu yoo ta’u, kutaalee hawaasaa waliinis mariin ni taasiiuun eegama.
Galaana Tasfaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.