Fana: At a Speed of Life!

Jilli Preezdaant Shimallis Abdiisaan durfamu aanaa Dugdaatti Paappayyaa kilaasteraan oomishame daawwate

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu gareen Maaykiroo diinagdee waliin aanaa Dugdaatti Paappayyaa kilaasteraan lafa heektara 10 irratt oomishame daawwateera.

Akka Oromiyaatti lafa heektaara 1200 irratti omiishni Paappayyaa oomishamaa jiraachuu itti Aanaan Biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gamachuu himaniiru.

Qonnaan  bultoonni oomisha Paappayyaa hedduu oomishaa kan jiran yoo ta’uu, sababa faddaaltoota seeraan alaatiin oomisha isaanii waliitti hidhamiinsa gabaa uumuu hin dandeenyee jedhameera.

Walittii hidhamiinsa gabaa seera qabeessa ta’ee uumuuf mootummaan naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin gabaa “Oro Freesh” jedhu kallattiin qonnaan bulaa fi gabaa waliin qunnamsiisuu danda’uu irratti hojjechaa jiraachuu Obbo Shimallis Abdiisaa himaniiru.

Jamiilaa Jamaal fi Addis Muluneh gabaasetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.