Fana: At a Speed of Life!

Jilli preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawin duurfamu naannoo Afaar magaalaa Samaraa gale

Finfinnee Fulbaana 14,2013(FBC)- Jilli preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaawin duurfamu naannoo Afaar magaalaa Samaraa gale.
Jilichi Buufata Xiyyaaraa Sulxaan Aliimirraah Haafaree yoo ga’u, preezdaantiin naannoo Afaar Awwal Arbaa fi hoggansi biroon simannaa taasisaniifiru.
Turmaata isaanii Samaraatinis mootummaa fi ummata naannoo Kibbaa bakka bu’uun boqachuu Sulxaan Hanfiree Aliimirraahin gadda itti dhaga’ame ni ibsuun eegamu.
Tumsa naannoon Kibbaa ummataa fi mootummaa Afaarif qabu ibsuun cinaatti, lammiilee balaa lolaatin buqqa’aniif deeggarsa maallaqaa ni taasisuun eegamu.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.