Fana: At a Speed of Life!

Ji’oota 9’tti galiin Birrii biiliyoona 324 ol walitti qabame

Finfinnee, Eebla 23, 2015 (FBC)- Ji’oota saglan darbanitti gibiraa fi taaksii biyya keessaa fi alaa irraa Birrii biiliyoona 324 ol walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Ministirichi mata duree “Gibira Biyyaaf” jedhuun sosochii biyyaalessaa ‘Guraandhalaa hanga Guraandhalaa’ eegalchiiserratti
qondaaltota biiroo galiiwwanii naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin Finfinneetti mari’achaa jira.

Ministirri Galiiwwanii Ayinaalam Nigusee mariicharratti sirni sassaabbii galii yeroodhaa gara yerootti dabalaa akka jiru himuu TOI gabaaseera.

Bara baajataa 2015 ji’oota sagal darban keessatti qaraxaa fi taaksii biyya keessaa fi alaa irraa galii Birrii biiliyoona 328.3 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoona 324.3 walitti qabamuu ibsan

Sosochicha naannolee fi bulchiinsa magaalotaattii hojiirra oolchuun seeraa gibiraa fi gumurukaa kabajuun mirkanaa’uu akka qabu hubachiisan.

Imala jijjiiramaa akka biyyaatti karoorfame dhugoomsuuf hunduu itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabu akkeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.