Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni Gujii Lixaa hiriirri balaaleffannaa garee shororkeessitootaa fi deeggarsa Raayyaa ittisaa gaggeessan

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) –Jiraattoonni Godina Gujii Lixaa hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee Shororkeessitootaa gaggeessaniiru.

Hiriirri kun mata duree ‘Tokkummaa fi birmadummaa biyyaa mariif hin dhiyeessine’ jedhuun gaggeeffameera.

Jiraattoonni aanaalee Godichaarraa waltti dhufan magaalaa Bulee Horaatti hiriira deeggarsaa fi balaaleffannaa kana gaggeessaniiru.

Dhaloonni kun yeroo kamiiyyuun caalaa biyya baraaruuf dirqama akka qabu hiriirtoonni kunneen ibsaniiru.

Jiraattoonni godinichaa deeggarsa raayyaa Ittisaaf taasiisan cimsanii itti fufuu akka qaban Bulchaan Godina Gujii Lixaa obbo Jambaruu Abbabbaa gaafaataniiru.

Jiraattoonni kunneen tattaaffii garee shororkeessitootaa dhabamsiisuuf taasiisan kan tumsan ta’uu mirkaneessaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.