Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni naannoo hidhaalee 11 jiraatan akka ka’anii fi of eeggannoo akka taasisan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Waktii gannaan walqabatee hidhaaleen daraan waan guutaniif hojiin hir’isuu hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Yaa’aalee yaadachiise.
 
Hidhaaleen 11nu guutanis Qooqaa, Takkazee, Xaanaa, Gibee 3ffaan, Kasamii fi Tandaahoon ammoo hammaa ol guutuu isaaniin of eeggannoon akka barbaachisu Daayreektarri Abbaa Taayiticha Dooktar Adaanachi Yaareed dubbataniiru.
 
Abbaan Taayiticha Humna Elektiraa Ityoophiyaa, Koomishinii hoggansa sodaa balaa fi hoggansaa naannoolee hidhaaleen kunneen itti argaman waliin ta’uun hojii hojjeteen buqqaatii fi miidhaa Yaa’a laga Awaash, Abbay fi Oomootti ga’uu danda’u hir’isuu danda’eera jedhan.
 
Laga Awaashirraa buqqaatii jiraattoota kuma 28 irra ga’uuf ture gara kuma 9 fi 310nitti hir’isuun danda’ameera jedhan.
 
Yaa’a laga Abbaayyarratti abbootiin warraa kumni 16 bishaaniin marfamanis miidhaan akka hin qaqqabne taasifamuu eeraniiru.
 
Yaa’a gara gadii laga Oomoorrattis namoonni kumni 24 fi 171 iddoo balaan ga’uu danda’uu dursanii akka ka’an godhamuu isaan miidhaa qaqqabuuf ture hir’isuun danda’ameeras jedhan Dooktar Adaanachi.
 
Hammi Roomaa daraan cimaa dhufuu isaan Hidhaaleen hammaa ol guutuu waan jiraniif hojiin hir’isuu hojjetamaa jira jedhan.
 
Tizitaa Dassaalenyitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.