Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan idaa barnootaa Doolaara biiliyoona 1.2 barattootarraa haqan

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Bulchiinsi Pireezidaantii Joo Baayidan liqaa barnootaa Doolaara biiliyoona 1.2 ta’u haquun gabaafame.

Maallaqni kun barattoota kuma 153 ta’an fayyadamtoota akka taasisu ibsame.

Kanaan dura idaa barnoota lammiilee Ameerikaa miliyoona 40 ol ta’anii haquuf Pireezidaanti Baayidan yaada dhiyeessanii manni murtii olaanaan biyyattii kufaa taasiseera.

Pirezidaanti Baayideen aangoosaanin olitti idaa barnootaa biiliyoonaa hedduu haquuf carraaqaniiru jechuun manni murtichaa kufaa taasisee turuu BBC’n gabaaseera.

Yeroo ammaa Baayiden akka haqamuuf murteessan barattoota warra idaa muraasa ofirraa qaban, barattoota duraanii fi liqeessitoota biroo kan fayyaduudha jedhame.

Ragaan Dippaartmantii barnootaa biyyattii akka agarsiisutti bulchiinsa Baayidaniin kan hundaa’e karoora kaffaltii keessatti kan galmaa’an lammiilee miiliyoona 7.5 ta’uun eerameera.

Joo Baayiden aangoo pirezidaantummaasaanii fayyadamuun hanga ammaa namoota miiliyeena 3.9 ta’aniif idaa barnootaa Doolaara biiliyoona 138 haquunis ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.