Fana: At a Speed of Life!

Kaadhimamtoonni Badhaasa Baaloondoorii (Balllon d’Or) bara 2023 ifoomaan

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC) –Taphattoonni ciccimoon Badhaasa Baaloondoorii (Balllon d’Or) bara 2023f kaadhimaman ifooman.

Taphattoonni 30 badhaasa kanaaf kan kaadhimaman yoo ta’uu’
badhaafamaan yeroo 5 Kiristiyaanoo Roonaaldoon bara Faranjootaa 2003 as yeroo jalqabaaf tarree kana keessatti osoo hin hammatamin hafeera.

Liiyooniil Meesii fi Eerliing Biraawut Haalaand tilmaama injifannoo olaanaa argataniiru jedhame.

Lammiin Ijipti Mahaammad Saalahi, taphatan sarara fulduraa Naayijeeriyaa Viiktooroo Oosi Meenii fi Karra Eegaan Kaameeruun Andiree Oonaanaan taphattoota Afrikaa tarree bara kanaa keessatti hammataman ta’uu eerameera.

Sirni filannoo badhaafamaa Baaloondoorii Onkololeessa 30, 2023 Paarisitti kan gageeffamu ta’uu ESPN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.