Fana: At a Speed of Life!

Kaadhimamtoonni taphattoota ciccimoo Afrikaa 2023 ifooman

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC) – Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa tarree kaadhimamtoota taphattoota ciccimoo Afrikaa 2023 ifoomseera.

Taphattoonni 30 badhaasa taphattoota ciccimoo bara 2023’f kan kaadhimaman yoo ta’uu, 20 kilaboota Afrikaa keessa kan taphatan ta’uu ibsameera.

Mahaammad Saalaahii, Riyaad Maahireez, Ashiiraaf Hakiimii, Mahaammad Qidduus, Viinseenti Abbubakar, Sadiyoo Maanee, Viiktoor Oosiimeenii fi Siin Boonoon taphattoota ciccimoo Afrikaa bara 2023 jedhamuun kaadhimamaniiru.

Akkasumas Karra Eegaa cimaa waggaa, Taphataa dargaggeessa cimaa, Garee Biyyaalessaa Cimaa, Kilaba Cimaa fi leenjisaa cimaaniis badhaasichaaf kaadhimamanis ifoomaniiru.

Filannoon taphattoota Kubbaa Miilaa Ciccimoo bara 2023 kun Baatii Muddee gaafa guyyaa 11, 2023 Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.