Fana: At a Speed of Life!

Kaafamtoonni misoomaa addaa addaa hojiin milkaa’an muuxxannoo walii qoodan

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Kaafamtoonni misoomaa hojiin milkaa’an kaafamtoota misoomaa addaa addaa waliin muuxxannoo walii qoodan
 
Kaafamtoonni misoomaa proojeektii anniisaa Amartii nashee karaa bakka bu’oota isaaniin kaafamtoota misoomaa indaastirii zoonii esternii fi paarkii indaastirii Adaamaatiin kaafaman waliin muuxxannoo walii qoodan.
 
Bakka bu’oonni Kaafamtoota misoomaaa kanneenii hojiiwan mala gabbisa loonii ammayyaa fi kaafamtoota misoomaa gurmaa’anii indaastirii huccuu irratti hojjachaa jiran daawataniiru.
Kaafamtootamisoomaa proojeektii anniisaa amartii nashee kuma 1 fi 290 beenyaan Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoonni dhibba 6 kaffalamaafii jiraachuu Itti aanaa hoogganaan Ejansii Dhimma Kaafamtoota Misoomaa Oromiyaa obbo Haabtoom Baqqalaan himaniiru.
 
Kaayyoon sagantaa muxxannoo wal jijjiiruu kanaanis qonnaan bultootnnii sababa misoomaaf qa’eef qabeenya isaaniirraa ka’an beenyaa argataniin hojjetanii bu’aa qabeessa akka ta’aniif jedhan.
 
Keessattuu haala kamiin hojjetanii jijjiirramuu akka danda’an leenjii kennamaafii ture qabatamaan agarsiisuuf jedhaniiru.
Qonnaan bultoonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbayyaa commanii fi Horroo Bulluq irraa saganticha irratti argamanis mala horsiisa loonii ammayyaa fi indastirii huccuu irratti muuxxannoo argatan hojiitti hiikuun caalmaatti bu’aa qabeessa ta’uuf kan hojjetan ta’uu himaniiru.
 
Muluu waqshumeetu gabaasee.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.