Fana: At a Speed of Life!

Kaafamtoota misooma Koliidariif bakka bu’iinsi iddoo fi Beenyaa gahaan qophaa’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti Kaafamtoota misooma Koliidariif bakka bu’iinsii iddoo fi Beenyaa gahaan qophaa’uu bulchiinsi magaalichaa himeera.

Misooma Koliidarii magaalichatti hojjetamaa jiru ilaalchisee Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Hojiileen misoomaa kun sadarkaa magaalaa Finfinnee caalmaatti kan fooyyessu hojiilee bu’uuraa ta’uu ibsaniiru.

Adeemsa misoomaa kana keessatti jiraattota naannawaa ka’aniif bakka bu’iinsi iddoo fi Beenyaa gahaa ta’e qophaa’uu dubbataniiru.

Hojiin kun karaa haqa qabeessaa fi madaalawwaa ta’een akka raawwatuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jedhan.

Hojiilee misooma Koliidarii kanaaf Baatii Caamsaa 2015 irraa eegalee qorannoon gaggeeffamaa turuu eeruun, misoomicha ilaalchisee jiraattoota naanawaa waliin mariin taasiifamuu himaniiru.

Komiin yoo jiraate sirnaan keessummeessuuf waajjirri komii hundaa’uu kaasaniiru.
Piroojektichi yeroo kaa’ameef keessatti akka xumuramu qindoominaan ni hojjetama jedhan.

Koriidariin misoomaa magaalaa Finfinnee kallattiiwwan magaalattii afuriin kan hojjetamu yoo ta’u, kiilomeetira 40.7 kan uwwisu ta’uu eerameera

Wubristi Tasammaatu gabaase

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.