Fana: At a Speed of Life!

Kaanaadaan tattaaffii hunda galeessaa Ityoophiyaan fedhii lammiilee ishee guutuuf taasiiftu kan deeggaru ta’uu beeksiiste

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Tattaaffii hunda galeessa Ityoophiyaan fedhii lammiilee ishee guutuuf taasiiftu Mootummaan Kaanaadaa kan deeggaru ta’uu beeksiise.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kaanaadaa Maark Gaarniiw fi Ministirri Tumsa Idil Addunyaa biyyattii Kaarmaa Goold ibsa waloon kennaniin, naannoo Tigraayitti tarkaanfii dhukaasa dhaabuu haalduree tokko malee mootummaan Ityoophiyaa fudhate mootummaan Kaanaadaa kan deeggaru ta’uu beeksiisaniiru.
Qaamolee sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayitti raawwatan kamiiyyuu seeratti dhiyeessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Qaamni hundi carraa dhukaasa dhaabuu kanatti fayyadamuun furmaata waaraa fiduuf qooda isaanii ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.