Fana: At a Speed of Life!

Kaardiin daqiiqaa 10 qofaaf taphataa dirreen ala tursiisu yaaliif dhiyaachuufi

Finfinnee, Guraandhala 1, 2016 (FBC) – Tapha Kubbaa Miilaa keessatti Kaardii Cuquliisaan daqiiqaa 10 qofaaf taphataa dirreen ala tursiisu yaaliif dhiyaachuuf ta’uu ibsameera.

Qaamni seera kubbaa miilaa baasuu, Boordiin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa kaardii cuquliisa hojiirra oolchuuf murteesseera.

Boordiin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Kaardii cuquliisa kana yaaliif hojiirra oolchuuf haa murteessuyyu malee yoomiifi liigii kamirratti hojjirra oolchuu akka eegalu hin ibsine.

Taphattoota abbaa murteetti marsuun itti wacan, arrabsaniifi balleessaa hojjetaniif kan kennamu yoo ta’u, taphaan kaardii cuquliisa argate daqiiqaa 10’f dirreen ala erga turee booda gara taphaatti deebi’a jedhameera.

Akkaa dambii kanaatti dursaa taphattootaa qofatu Abbaa murtee tapha dursaa jiru waliin dubbachuu danda’a.

Taphataan kaardii cuquliisa lama arge immoo akka taphataa kaardii diimaa argatteetti dirree keessaa gaggeeffama.

Waldaan Kubbaa miilaa Ingilaandi bara dhufurraa eegalee waancaa FA Ingilaandiifi dorgommii Suppar Liigii Dubartootaarratti hojiirra oolchuuf yaada qabaachuu ‘Sky Sport fi Associated Press’ gabaasaniiru.

Kaardii Cuquliisni kun Waancaa Awurooppaa ganna dhufu Jarmaniitti dorgomamuufi Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti hojiirra hin oolu jedhameera.

Seenaa Kubbaa Miilaa keessatti kaardii Keelloofi Diimaan waancaa Addunyaa bara 1970 Meeksikoon qopheessite irratti hojiirra ooluu erga eegalee hanga yonaatti tajaajilaa jira.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.