Fana: At a Speed of Life!

Kabajaa biyyaaf dhaabbachuu Injifannoo Adwaarraa baratamuu qaba jedhame

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Tokkumaa keessoo cimsuun kabajaa biyyaaf dhaabbachuu miiraa injifannoo Adwaarraa baratamuu qaba jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardasaan.

Kabajni Guyyaan Yadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaan mata duree”Adwaa Injifannoo Ummataa Guraachaa” jedhuun Humna Qilleensaan kabajameera.

Saganticharratti Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardasaan haasawaa taasisaniin, injifannoon Adwaa tokkummaa fi sabdaneessummaa Itiyoophiyaanoota kan argisiiseedha jedhan.

Humnoota farraa nageenyaa maqaa Raayyaa Ittisa biyyaa xureessuuf socho’an irraatti waloon qabsa’uun barbachisaa ta’uus dubbataniiru.

Miseensonni Humna Qilleensaa dhimmoota naannawaa fi addunyaa tilmaamamuu danda’aniif qophaa’ummaa isaanii gochaan mirkaneessuu akka qaban eeruu ragaan Rayyaa Ittisa Biyyaarrraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.