Fana: At a Speed of Life!

Kaffaltii daandiiwwanii irraa galii Birrii miilliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 92 walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Interpiraayiziin kaffaltii daandiiwwanii Ityoophiyaa walakkeessa waggaa jalqabaa bara 2012tti galii Birrii miilliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 92 walitti qabuu beeksiise.

Daandiin saffisaa Finfinnee – Adaamaa fi Dirree Daawaa – Daawaleen yaa’iinsa tiraafikaa miiliyoona 4 ol keessummeessaniiru.

Yaa’insa kana irraa galiin Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 81 walitti kan qabame yoo ta’u, miiliyoonni 10 ol ammoo beeksisaa fi kiraa iddoo irraa argamuu ibsameera.

Interpiraayizchi nageenya daandii saffisaa eeguuf jecha sagantaalee hubannoo uumuu diriisuun hojjechaa jiraachuu ibsee jira.

Hojii hojjetameenis balaa tiraafikaa % 50 hir’isuun danda’amuu fi balaan daandii saffisaa Finfinnee – Adaamaa irra qaqqabaa ture harka walakkaan hir’isuu isaa ibsameera.

Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.