Fana: At a Speed of Life!

Kaleessa galgala balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaa Birrii miiliyoona 1.5tti tilmaamamurratti miidhaan qaqqabee

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftootti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaa Birrii miiliyoona 1.5tti tilmaamamuurratti miidhaan qaqqabuu abbaan taayitaa balaawwan ibiddaa tasaa ittisuu fi to’achuu magaalichaa ibseera.

Daayreektarri kominikeeshinii abbaa taayitichaa obbo Gulaltaa Geetahuun, kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo aanaa 2 naannoo Makkannisaatti kaleessaa halkan sa’aatii 11 yeroof ka’umsii isaa kan hin beekamnee balaan ibiddaa qaqqabeera jedhan.

Balichaan qabeenyi Birrii miiliyoona 1.5tti tilmaamamuurratti miidhaan kan qaqqabee yoo ta’u, qabeenyii Birrii miiliyoonaa 7tti tilmaamamuu ooleera jedhan.

Ka’umsa balichaa qulqulleessuuf poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuus himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.