Fana: At a Speed of Life!

Kanneen Garee shororkeessaa ABUT waliin hiriiraan hundi karaa nagaan harka akka laatan MM Abiy Ahimad waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Garee shororkeessaa ABUT waliin kanneen hiriiraan hundi karaa nagaan harka akka laatan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad adda waraanaatti argamuun karoora dhumaarratti erga mari’atanii booda yeroo gabaabaa fi wareegama gadi aanaan injifannoon Ityoophiyaa akka mirkanaa’uu qajeelfama laataniiru.
Raayyaan Ittisaa hamilee olaanaarratti kan argamuu fi diinni mo’amaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanneen garee shororkeessaa ABUT waliin hiriiraan hundi harka akka laatanii fi maatii Naannoo Tigraay kana booda ijjoollen keenya eessa ga’an jedhanii akka gaafatan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.
Fedhiin Ityoophiyaa nageenyaa fi misooma ta’uu eeraniiru.
dirqamneett Waraana galle kan jedhan Muummeen Minsitiraa Abiy Ahimad, injifachuun keenya garuu hin oolu jedhaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.