Fana: At a Speed of Life!

Karaa walfakkaatuun xaa’oofi sanyii filatamaa waliin gahuuf hojjetamaa jira- BQO

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015(FBC)- Karaa walfakkaatuun xaa’oofi sanyii filatamaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Kan bara darbeerra bara kana roobni arfaasaa yeroon waan deebi’eef qonni arfaasaa haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaan Faanaa Biroodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Biiroon qonnaa Oromiyaas kana ilaalcha keessa galchuun qophii humna namaafi dhiyeessii calla guddistuu qopheessuurratti hojii bal’aa hojjechuu eeraniiru.

Naannichatti bara kana qonna Arfaasaan lafa hektaara miiliyoona 1.1 misoomsuuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Si’aayinni qonnaan bultoota bira jiru olaanaa ta’uu ibsuun, bakkeewwan hongeen mudatee turettis hojiin hojjetamaa jiru kan abdii namatti horu ta’uu dubbataniiru.

Karaa walfakkaatuun xaa’oofi sanyii filatamaa waliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.