Fana: At a Speed of Life!

Karoora misooma magaalaa fi konistiraakshinii waggoota 10 fi 5 irratti mariin waloo gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii karoora damee Misooma magaalaa fi Konistiraakshinii waggoota 10 fi 5 irrratti magaalaa Adaamaatti marii waloo gaggeesseera.
 
Waggoottan kurnan dhufan keessatti ummata misooma hawaasummaa fi diinagdeen fayyadamoo taasiisuuf dhimmoota ijoo fi toora xiyyeeffannoorratti mari’atameera.
 
Karoorri damee ijaarsaa fi misooma magaalaa dhiyaachuun hirmaatootaan mariin irratti gaggeeffameera.
 
Waltajjii kanarratti dhaabbileen waammamtoota haala qindoominaan hojjechuun danda’anuratti gadi fageenyaan mariin gaggeeffameetra.
 
Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Injiinar Ayishaa Mahaammad gaaffilee fi yaada karooricha ilaalchisuun ka’an irratti deebii fi guduunfaa laataniiru.
 
Yaadni fi gaaffiin waltajjicharraa ka’an karoorichaaf galtee ta’u kan jedhan Injiinar Ayishaan galmoota karoorichaa bu’aa qabatamaatti jijiiruuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoomninaa ni hojjetama jechuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.