Fana: At a Speed of Life!

“Karoorri Imala Badhaadhinaa misooma dhala namaarratti waan xiyyeeffateef kan yeroo kamuu caalaa bu’aa ni buusa” -obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa karoora waggaa kudhanii Komishinii Karooraan dhiyaaterratti yaada kennaniiru.
Oromiyaan karoora qindaa’aafi hiixataa qabattee dhiyaatteetti; Kunis jijjiirama fiduuf tarkaanfii qabatamaadhaa jedhan Obbo Shimallis.
Karooricha kan adda taasisu, misooma dhala namaarratti xiyyeeffate; Kunis maatiirraa kan eegaleedha. Ta’us xiyyeeffannoon tajaajila lammummaaf kennamu guddachuu qabaa jedhan.
Karoorichi karoora qonnaan bulaafi horsiise bulaa ta’ee tajaajiluun milkaa’a.
ICT’n akka seektara humna diinagdee tokkootti xiyyeeffannoo argachuun hojjetama.
Qonnarratti hamma oomishaa dabaluun wantoota kana tumsanii baay’isuu xiyyeeffannoo ni argata.
Nyaataan of danda’uu, ala ergii dabaluufi kanaan carraa hojii uumuun xiyyeeffannoo argata.
Misooma aalbuudaa teeknooloojiidhaan tumsuuf akka mootummaatti tarsiimoo fooyya’aan kaa’amuu gaafata.
Maloota addaa fayyadamuun akkataa jireenyi magaalaa itti fooyya’u addabbaasuun irratti hojjetamuu qaba;Fkn’f magaalaan akkamitti akka oomishuufi galii guddifatu taasisuun mirkanaa’uu qaba.
Akkuma qonnarratti galteesaa fooyyessuuf hojjetamaa jiru, jireenya Magaalaa fooyyessuuf galteen adda ba’uu qaba.
Guddina Magaalaa keessatti wantoonni bu’aasaaf gumaachan qabatamaa ta’uu qabu. Carraa hojiitiin walqabatee diinagdee guutuu sochoosuu gaafata.
Kaappitaala yeroo yeroon qooduun furmaata waaraa hin fidu. Diinagdee socho’e keessatti carraan argamuu akka danda’u xiinxaluun sirreessuu barbaachisaa jedhan.
Fkn’f Qamadin jal’isii bonaa muuxannoo gaarii ta’uu danda’a. Kanaaf Mootummaan hojii teeknikaafi haala mijeessuurratti cimee hojjeta.
Diinagdeen Naannoo sirnaan socho’ee jennaan rakkoo hoji dhabdummaa furuun ni danda’ama. Dhimmi daldalaa akka naannoo qofaatti kan ilaalamu ta’uu baatus, carraa jirutti sirnaan fayyadamuufi dhaabbilee kanarratti hojjetan waliin hojjetan waliin hojjechuu gaafata.
Biiroon Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka beeksiseetti dhimma fayyaarratti kenninsa taajaajilaa daran fooyyessuu gaafata. Namoonni yaalii sasalphaaf biyya ambaa akka hin deemne tajaajila kanaaf gitu dhiyeessuun dirqama. Barnoonnis akka karooraatti galmasaa eeguu gaafata.
Ida’amni fooyya’insa kunneenii jireenya uummataa fooyyessuuf kan oolu ta’uu qaba;Kun akka galma ga’uuf caasaan mootummaa hudhaa qabu hiikkachuu qaba.
Rakkoowwan akka malaammaltummaa, hanna, rakkoo gahumsaafi rincicuufi kanneen biroo furamuu qabu.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.