Fana: At a Speed of Life!

Karri Raafaah banamuun deeggarsi gara Gaazaa seenuu eegale

Finfinnee, Onkololeesa 10, 2016 (FBC) – Karri Raafaah banamuun konkolaataawwan meeshaalee gargaarsaa fe’an Ijiptirraan gara Gaazaa seenuu eegaluu gabaafameera.

Hanga ammaatti Isiraa’eel konkolaataawwan 20 qofti akka Gaazaa seenaniif eeyyamuu ibsameera.

Hoggantoonni biyyoota hedduu deeggarsi namoomaa barbaachisaa ta’e akka Gaazaa seenuuf Ijipti Karra Raafaah daangaarra jiru akka bantuuf gaafataniiru.

Lola Israa’eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamaa jirurratti mari’achuuf, har’a Ijipti hoggantaa biyyoota addunyaa 20 walitti qabuun marii gaggeessuuf ta’uu eerameera.

Pireezidaantiin Ijipti Abdul Fattaa al-Siisi, Pireezidaantii Filisxeem Mahamuud Abbaas, Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ingiliz Jeems Kileevarlii, Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, hoggantoonni biyyoota Arabaa hedduun marii kanarratti ni hirmaatu jedhame.

Bakka buutoonni Isiraa’eel, Hamaas, Ameerikaa fi Iraan marii kan keessa hin jiran jedhameera.

Kaayyoon marichaa qaamolee lamaan dhukaasa akka dhaabaan dhiibbaa uumuu ta’uu ibsameera.

Maddi:- BBC fi Reuters

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.