Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan 2027’tti Buufata Anniisaa Niwuklilaraa ijaaruufi

Finfinnee, Fulbaana 15, 2016 (FBC)-Wayita fedhiin hanga gadi lakkifama Kaarbanii hir’isuu dabalaa jirutti Keeniyaan bara 2027’tti buufata anniisaa niwukilaraa jalqaba ijaaruuf ta’uun gabaafame.

Karoora ishee kana hojiirraa oolchuuf xiyyeeffachuun bara 2021 keessa erga Eejensiin Anniisaa Atoomikaa Idil Addunyaan ijaarsa buufatichaa eegaluu akka dandeessu raggaasifameen booda ta’uun eerameera.

Buufata anniisaa niwukilaraa biyyattii naannawaa Kilifii fi Kawalee jedhamaniitti ijaaraman kunneen bara 2027’ttii kan eegalaman ta’uun eerameera.

Ijaarsi buufatichaas waggoota ja’aa hanga kudhanii kan fudhatan ta’uun kan eerame, Meeggaa Waattii kuma 1 maddisiisuu akka danad’uu ibsameera.

Baasii Maallaqaa hedduu gaafata kan jedhame buufanni anniisaa niwukilaraa kana faallaa neetiwoorkii raabsaa elektirikii ishee fooyyessuun akka barbaachisu The EastAfrican gabaaseera.

Hanga ammaatti Afrikaa keessaa buufata anniisaa niwukilaraa kan qabdu Afrikaa Kibbaa yoo taatu humna eleketirii biyyatti keessaa %5 kan qooddatuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.