Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan hariiroo Ityoophiyaan waliin qabudhuuf  xiyyeeffannaa akka itti kennitu beeksisfte

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC) –Keeniyaan hariiroo Ityoophiyaan waliin qabudhuuf  xiyyeeffannaa akka itti kennitu beeksisfte.

Ministeera Dhimmaa Alaa keeniyaatti Daayreektarri Dhimmoota Afrikaa fi Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Joorj Oriinaa Keeniyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Mallas Alam waliin mari’taniiru.

Ambaasaaddar Joorj Oriinaan Keeniyaan hariiroo Ityoophiyaan waliin qabudhuuf  xiyyeeffannaa akka itti kennitu ibsaniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alam gama isaaniin, Ityoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo baroota dheeraa waliin qabaacha turan kaasuun, caalumatti cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.