Fana: At a Speed of Life!

Kilabiin Kubbaa Miilaa Dubartoota Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Priimayeer Liigii Itoophiyaatti ol guddate

Finfinnee, Caamsaa 14, 2014 (FBC) – Kilabiin Kubbaa Miilaa Dubartoota Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Priimayeer liigii Itoophiyaatti ol guddateera.

Miseensota garichaa hirmaannaa Priimayeer Liigii Ityoophiyaa bara 2015 argachuu isaa mirkaneeffachuun gara magaalichaa deebi’eef simannaan gootaa taasiifameera.

Kantibaan magaalichaa Aadde Liidiyaa Caaliin miseensoota kilabichaa hunda galateeffataniiru.

Ispoortiin nageenya, jaalalaa fi tokkummaa ta’uu isaa hubachuun qaamni hundi deeggarsa barbaachisu akka taasiisu dhaamaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjirra Dargaggoo fi Ispoortii Magaalichaa obbo Shimalliis Nagaash gama isaaniin, miseensonni garichaa Priimayeer Liigii Ityoophiyaa keessattis cimina kana dabaluuf gamanumaan qophii taasiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ga’umsa fi naamusa gaariin wal dorgommicha gaggeessuu akka qaban dhaamuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni muul’isa.

Bulchiinsi magaalichaa taphattoota kanneeniif badhaasa Birrii kuma 5 hanga kuma 10 badhaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.