Fana: At a Speed of Life!

Kilabni Biraaziil Saantos waggoota 111 booda gara diviziyoonaa gadiitti bu’u

Finfinnee, Sadaasa 27, 2016 (FBC) – Kilabni Biraaziil Saantos waggoota 111 booda gara Diviziyoona gadiitti gadbu’uu gabaafame.

Taphattoota ciccimoo horachuun kan beekkamu Saantos gara Diviziyoona gadiitti bu’uun isaa deeggartoota kilabichaa haalaan naasiisuu ibsameera.

Saantos yeroo gara yerootti ga’umsi isaa gadi bu’aa dhufuu hordofe Seeriyaa A Biraaziliin ala ta’uu ibsameera.

Tapha xumura seeriyichaa har’a dirree isaarratti Foortaaleezaa waliin taphateen goolii 2 fi 1n injifatameera.

Gaga’amni faayinaansii isa mudate kilabichi akka gara gadiitti bu’uuf sababa ta’uu ibsameera.

Kana hordofee deeggartoonni garichaa miira keessa galuun Awutoobisoota kilabichaa wayita guban mul’achuu himameera.

Taphattoonni ciccimoon akka Peelee, Neemaar, Roodeergoo Daa Siilvaa, Aleksi Saandiroo faan bu’aa kilaba kanaa turan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.