Fana: At a Speed of Life!

Kilabni Meeboon Roobeen Shaampiyoonaa Kilaboota liigii 1ffaa Oromiyaa ta’e

Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)- Dorgommiin Shaampiyoonaa Kilaboota liigii 1ffaa Oromiyaa waliigalaa kan 2015 Magaalaa Roobeetti dorgomamaa ture Olaantummaa Kilaba Meeboon Roobeen goolabameera.

Taphni xumuraa Shaampiyoonaa Kilaboota Liigii 1ffaa Oromiyaa Waliigalaa kilaboota ciccimoo Oromiyaa 18 gidduutti haala miidhagaa fi morkii cimaan gaggeeffama ture xumurameera.

Haaluma kanaan taphaa xumuraa guyyaa har’aa Kilaba Meeboon Roobee fi Bulchiinsa Magaalaa Hurrummuu gidduutti gaggeeffameen Meeboon Roobee goolii 1 fi 0’n morkataa isaa injifachuun abbaa Waancaa Shaampiyoonichaa ta’eera.

Bulchiinsa Magaalaa Hurrummuu sadarkaa 2ffaan, Bulchiinsa Magaalaa Dodolaa sadarkaa 3ffaan xumuraniiru.

Kilaboonni lamaan Jaardagaa Jaartee fi Bulchiinsa Magaalaa Hurrummuu qabxii Naamusa gaarii dorgommichaa qixa galmeessuun Waancaa Naamusa gaariis fudhachuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.