Fana: At a Speed of Life!

Kiristiyaan Roonaaldoon Garee Biyyaalessaa Poorchugaaliif yeroo 200 hiriiruun Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti galmaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Kiristiyaan Roonaaldoon Garee Biyyaalessaa Poorchugaaliif yeroo 200 hiriiree taphachuun galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmaa’eera.

Roonaaldoon kaleessa galgala Liigii Awurooppaa Neeshans irratti tapha Poorchugaal, Ayerlaandi waliin taphattee irratti yeroo 200ffaa biyyaa isaaf hiriiruun goolii galchuun biyyi isaa akka injifattu taasisuun eerameera.

Haaluma kanaan garee biyyaalessaa dhiirotaa biyya isaaf yeroo hedduu kan taphate ta’uun Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti galmaa’uun waraqaa ragaa argateera.

Roonaaldoon, waraqaa ragichaa erga fudhateen booda, “Bakka kana nan gaha jedhee hinyaadne; kun naaf kabaja olaanadha. Seenaawwan haaraa galmeessuu ittan fufa” jedheera.

Kanaan dura galmee kana kan qabu lammii Kuweet Baadir Al Mutawaa yoo ta’u, garee biyyaalessaa Kuweetiif yeroo 196 hiriiruun kan taphate ta’uu Dailymail Sport gabaasera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.