Fana: At a Speed of Life!

Kiristiyaanoo Ronaaldoon beeksisa Kiriptoo Karansii Ameerikaatti hojjetteen walqabatee Doolaara biiliyoona 1 oliin himatame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC) – Taphataa cimaan addunyaa Kiristiyaanoo Ronaaldoon beeksisa Kiriptoo Karansii bara 2022 Ameerikaa keessatti hojjetteen walqabatee Doolaara biiliyoona 1 oliin himatameera.

Beeksisa Dhaabbata Baayinaans jedhamu waliin hojjeteen qaamoleen hojiin invastimeentii keenya miidhameera jedhan beenyaa biiliyoona 1 ol baasu gaafachuun isa himataniiru.

Dhaabbanni Kiriiptoo Karansii yakka maallaqa waliin dhahuu fi taaksiin bara Faranjootaa 2021 Muummee Haqaa fi Tajaajila Galii biyya keessaa Ameerikaan himanni irratti banamee ture.

Dabalataan dhaabbatichi Ingilizitti yakka maallaqa waliin dhahuu, maallaqa hin eeyyamamne daddabarsuu fi dhorkaa sarbuun himatamee Doolaara biiliyoona 4 beenyaa kaffaluuf waliigaluun isaa ni yaadatama.

Kiristiyaanoo Roonaaldoon ammoo bara Faranjootaa 2022 dhaabbata Baayinans waliin ta’uun beeksisa hojjechuun abbootii qabeenyaa Ameerikaarra kisaaraa qaqqabsiiseera jechuun Ameerikaan himatameera.

Dhimmicha ilaalchisee Kiristiyaanoo fi Dhaabbanni Baayinansi deebii ni laatuun kan eegamu ta’uu ‘The Times’ fi BBCn gabaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.