Fana: At a Speed of Life!

Kiristiyaanoo Roonaaldoon Hoteelli isaa Moorookootti argamu lammiilee sababa kirkira lafaan miidhamaniif iddoo tursaa akka ta’u eeyyame

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Taphataan sarara fuulduraa Poorchuugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoon Hoteelli isaa Moorookootti argamu lammiilee sababa kirkira lafaan miidhamaniif iddoo tursaa akka ta’u eeyyameera.

Roonaaldoon Hoteelli dhuunfaa isaa Moorookoo Magaalaa Maraakaashitti argamu lammiilee sababa kirkira lafaa tibbana biyyattiitti mudateen miidhamaniif iddoo tursaa akka ta’uu eeyyamuu Took Ispoortiin gabaaseera.

Hoteelli ‘Peesitaanaa C R 7’ jedhamu kun abbaa urjii 4 yoo ta’uu kutaalee 174 kan qabuu fi Hoteela daraan miidhagaa ta’uu ibsameera.

Hoteelli halkan tokko keessa buluuf Paawundii 130 kaffalchiisu kun lammiileen miidhaman yeroof bilisaan akka keessa turan eeyyameera.

Taphattoonni Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Moorookoos lammiilee miidhaman tumsuuf dhiiga arjoomuu eerameera.

Sababa balichaan taphni gareen biyyattii gita isaa Laayibeeriyaa waliin taasiisuuf ture haqameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.