Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni OROMOO FI FINFINNEE jedhu kan Darajjee Bahaaruu Margaatiin barreeffame har’a eebbifame

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Kitaabni OROMOO FI FINFINNEE jedhu kan Darajjee Bahaaruu Margaatiin barreeffame guyyaa har’a eebbifameera.
Kitaabni kun seenaa Oromoo, Sirna Gadaa, dhiibbaa sirni bulchiinsotaa darban Oromoo irraan gahan, Seenaa gootota Oromoo fi dhugaa Oromoon Finfinneerraa qabu kan of keessatti qabatedha.
Akka gabaasa ‘Prime Media’tti kitaabni Finfinnee fi Oromoo jedhu kun qabsoo bilisummaa keessatti aarsaa Oromoon baase ni tarreessa.
Kitaabichi hidda latiinsa Oromoo maddeen gara garaarraa wabeeffateera.
Barreesaan kitaabichaa Darajjee Bahaaruu Margaa seenaan uummata Oromoo dabee barreeffamaa waan tureef kana qajeelchuufan kitaaba kana barreesse jedheera.
Darajjeen hayyoonni Oromoo seenaa Oromoo barreessuurratti akka jabaatan waamicha dhiyeesseera.
Kitaabni Oromoo fi Finfinnee jedhu kan fuula 500 ol qabu yoo ta’u, seenaa dabaa waa’ee Oromoo fi Finfinneerratti barreeffamaa ture qajeelchuuf kan kaayyefatedha.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.