Fana: At a Speed of Life!

Kitaabnii eenyummaa seenaa Oromoo irratti xiyyeeffatuu Barreessaa Taaboor Waamiin barraa’e eebbifame

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Kitaabnii eenyummaa seenaa Oromoo irratti xiyyeeffatuu Barreessaa Taaboor Waamiin barraa’e eebbifameera.
Akka gabaasa OBNtti sirna eebba kitaabicharratti aanga’oonni olaanoo federaalaa fi naannoo dabalatee abbootii Gadaa fi keessummoonni argamaniiru.
Kitaabichi fuula 684 kan qabu yoo ta’u, Seenaa Oromooratti baldhinaan akka xiyyeffatuu fi gama Siyaasaa fi diinagdeen gaheen Oromoon ijaarsa biyyaa keessatti qabu kan ibse ta’uu barressaan kitaabichaa Taaboor Waamiin himaniiru.
Qaamolee seenaa Oromoo dabsuuf ragaan barreeffamaa hin jiruu jedhaniif kitaabichii kitaabilee seenaa Oromoo irratti xiyyeeffachuun barraa’an biyya alaa waabeeffachuus Taaboor Waamii ibsan.
Dhaloonnii haaraan Seenaa isaa sirritti adda baasee hubachuuf dubbisuu qabas jedhan.
Qaamolee kitaabichii akka maxxanfamuu gargaaran hundas galateeffataniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.