Fana: At a Speed of Life!

Komii fi iyyannoo bakka jiranii dhiyeeffachuuf sirni oonlaayinii hojiirra oole

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Ministeerri Haqaa galmeelee yakkootaa murtoo argatan irratti tajaajilamtoonni komii fi iyyannoo qaban bakka jiran irraa dhiyeeffachuuf kan dandeessisu sirna oonlaayinii eegalchiise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Ermiyaas Yamaaneebirhaan, murtoowwan galmeelee yakkoota damee Abbaa Alangaa Waliigalaa irratti tajaajilamtoonni komii fi iyyannoo qaban bakka jiranii baasii salphaan, yeroo gabaaba keessatti, dhamaatii malee akka dhiyeeffataniif yaadamee marsariitiin uumamuu dubbataniiru.

Tajaajilichi lammiilee tajaajilamtootaaf, hojiilee hoggantoota damichaa fi ogeeyyiif gama hedduun akka tumsu ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Fuuldurattis, bulchiinsa haqaa yakkaa haala kanaan gurmeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Daayrektarri Hordoffii Waajjiraalee Damee Geetuu Taaddasaa gama isaaniin, tajaajilicha Lidaataatti kan argamu daayrektoreetotaa dhimmoota yakkaa, waajjiraalee damee 10’n Finfinneetti argamanii akkasumas waajjiraalee Dirree Dawaa fi Hawaasaa kan hammataman ta’u mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaan tajaajilamtoonni komii fi iyyannoo kamuu qaban marsariitii https://www.eservices.gov.et seenuun bakka jiran ta’anii tajaajilcha argachuu akka danda’an beeksisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.