Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Jeneraal Dammallaash Hoggantootaa fi Miseensota Komaandoo addaa farra Shororkeessummaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel Hoggantootaa fi Miseensota Komaandoo addaa farra Shororkeessummaa waliin mari’ataniiru.
Komaandoon Addaa Farra Shororkeessummaa namuusaa fi ga’umsaan ergama itti kenname ba’aachaa jiraachuu Komishinarichi ibsaniiru.
Komaandoon Addaa Farra Shororkeessummaa kun Gaachana Mootummaa fi Ummata kan ta’e, Poolisii Federaalaaf illee hamilee fi humna guddaa ta’uu eeraniiru.
Poolisiin Federaalaa, Miseensonni Komaandoon Addaa Farra Shororkeessummaa, Raayyaaan Ittisaa, naannoo fi qaamoleen nageenyaa garaagaraa waliin ta’uun humnoota farreen nageenya tasgabbii ummataa booressaa jiran barbadeessaa jiraachuu himaniiru.
Hojii Itiyoophiyaa cichoomsuu fi nageenya ishee mirkaneessuu cimsanii kan itti fufan ta’uu dubbachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.