Fana: At a Speed of Life!

Komishinar Laliseen jila Dhaabbata Teeknooloojii Jeedii Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 15, 2015 (FBC) –Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Komishinar Lalisee Nameen jila Dhaabbata Teeknooloojii Jeedii Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Carraafi filannoo hojii invastimatii Ityoophiyaan qabdurratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti dameewwan invastimatii adda addaarrattu keessaattuu I- Koomerii, sirna faayinaansii dijitaalawwaa fi ICT irratti hirmaachuuf karoora qabaachuu ibsameera.

Dabalataanis carraawwan invastimatii Ityoophiyaan qabdu qorachuuf karoora qabaachuu isaa ragaan ragaan Komishiinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.